Header

Ibsa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa kenname

Duudhaalee Federaalizimii Sabdaneessaa idileessuun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf murteessaadha! Itoophiyaan biyya Saboota, Sablammootaafi Ummattoota hedduu Gaanfa Afrikaati. Lammileen Itoophiyaa biyya isaanii wareegamaan tiksanii har’aan ga’an keessatti mirga ofiin of bulchuu gonfatan jalattti afaan, aadaafi seenaan isaanii dhugaan mirkanaa’eefii arguu barbaadu. Kun ammoo sirna federaalizimii sabdaneessaa diimokiraasiin utubame hojii irra oolchuu qofaan mirkanaa'a. Sirni Federaalizimii sab-daneessaa duudhaalee Af-daneessummaa, Aad-daneessummaa, seen-daneessummaa, heddumina amantaa, danummaa ilaalchaafi yaadiddamaafi kanneen kana fakkaatan of keessatti hammata. Ta’us garuu duudhaaleen kunneen sirnaawuu dhabuun biyya keenya jeeqama siyaasaafi gaagama diinagdeef saaxilee ture.

Read more

Sirni wal qixxummaa sabootaafi sab lammootaa kabaju akka hundaahuuf qabsoo barattoonniifi qonnaan bultoonni taasisaniin sirni mootii kufus, sirni Dargii aangoo jiddu galeessaa qabate gaaffii lafaa deebisuuf yaalus gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaa sabootaa deebisuu hin dandeenye. Kunis qabsoon lammilee Itoophiyaa akka itti fufuuf balbala saaqe. Qabsoo taasifameenis sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun guyyaan Heerri Mootummaa FDRI itti raggaasifame Sadaasni 29/1987 waggaa waggaan kabajamuu eegale. Qabsoo wal qixxummaafi hiree ofii ofiin murteeffachuuf uummanni biyya keenyaa taasiseen kufaatii mootummaa Dargii booda kan hundaa’e sirna ADWUI jalattis gaaffin dimokiraasii fi Walqixxummaa Sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee dimokiraasii dhugaa irratti waan hin ijaaramneef fincila yeroo adda addaa keessummeessuun burkutaa’ee hoggansi haaromsaa akka dhalatuuf sababa ta’eera. Injifannoo qabsoo ummataan argame dimokiraasii dhugaa dabaaluun biyya jabduu sirna jabaa qabdu ijaaruu galma kan godhate hoggansi jijjiiramaa, gaaffii uummataa kudhaammatee, giddu seentummaa tokko malee naannooleen ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee gaaffii uummanni barootaaf gaafachaa turan, garuummoo deebii dhaban deebisuun naannoleen haaraan bu'uura heera mootummaan akka hundeeffaman ta’ee jira. Kunis federaaliziimii sabdaneessiifi dimokiraasii dhugaan hojii irra oolaa jiraachuu kan mirkaneessedha. Gaaffii bule hunda deebifnee biyya hunda keenyaaf taatu ijaaraa jirruuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaa ta'uu akeeka. Waan ta'eef Guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga'e kabajna. Lammileen Itoophiyaas dibaabee biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru guyyaa itti calaqqisiisanidha. Mootummaanis mirga heerri mootummaa isaan gonfachiise osoo hin sharafamin Saboonni, Sablammoonnifi Ummattoonni akka itti fayyadamaniif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira. Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 17ffaaf bara kana mata duree "Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf" jedhuun kabajamus imala jijjiiramaa jalqabneef bu’ura cimaa kan kaa’udha. Guyyaan saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa kabajamuus obbolummaafi tokkummaa jiru daran cimsuu bira darbee ilaalcha biyyaalessummaa ijaaruu keessatti taatee angafummaan gumaacha taasisedha. Kana malees, agarsiifni aadaa, duudhaa fi safuu dirree tokko irratti taasifamu kun wal dinqisiifachuu, jaalala ture daran itichuufi muuxxannoo wal jijjiiruu keessatti walitti hidhaminsi gaariin akka uumamu taasiseera. Kanaanis eenyummaa dhugaan Itoophiyaanotaa kun dirree tokko irratti tokkummaan miidhagee yoo mul’atu Ummata Addunyaa biratti maqaa gaarii biyya keenya ol kaasee kan mul’isuu fi tuuristoota hawwachuun utubaa dinagdees ta’ee jira..

Ibsa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa kenname

Duudhaalee Federaalizimii Sabdaneessaa idileessuun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf murteessaadha!

Itoophiyaan biyya Saboota, Sablammootaafi Ummattoota hedduu Gaanfa Afrikaati. Lammileen Itoophiyaa biyya isaanii wareegamaan tiksanii har’aan ga’an keessatti mirga ofiin of bulchuu gonfatan jalattti afaan, aadaafi seenaan isaanii dhugaan mirkanaa’eefii arguu barbaadu. Kun ammoo sirna federaalizimii sabdaneessaa diimokiraasiin utubame hojii irra oolchuu qofaan mirkanaa'a. Sirni Federaalizimii sab-daneessaa duudhaalee Af-daneessummaa, Aad-daneessummaa, seen-daneessummaa, heddumina amantaa, danummaa ilaalchaafi yaadiddamaafi kanneen kana fakkaatan of keessatti hammata. Ta’us garuu duudhaaleen kunneen sirnaawuu dhabuun biyya keenya jeeqama siyaasaafi gaagama diinagdeef saaxilee ture.

Read more

Sirni wal qixxummaa sabootaafi sab lammootaa kabaju akka hundaahuuf qabsoo barattoonniifi qonnaan bultoonni taasisaniin sirni mootii kufus, sirni Dargii aangoo jiddu galeessaa qabate gaaffii lafaa deebisuuf yaalus gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaa sabootaa deebisuu hin dandeenye. Kunis qabsoon lammilee Itoophiyaa akka itti fufuuf balbala saaqe. Qabsoo taasifameenis sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun guyyaan Heerri Mootummaa FDRI itti raggaasifame Sadaasni 29/1987 waggaa waggaan kabajamuu eegale. Qabsoo wal qixxummaafi hiree ofii ofiin murteeffachuuf uummanni biyya keenyaa taasiseen kufaatii mootummaa Dargii booda kan hundaa’e sirna ADWUI jalattis gaaffin dimokiraasii fi Walqixxummaa Sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee dimokiraasii dhugaa irratti waan hin ijaaramneef fincila yeroo adda addaa keessummeessuun burkutaa’ee hoggansi haaromsaa akka dhalatuuf sababa ta’eera. Injifannoo qabsoo ummataan argame dimokiraasii dhugaa dabaaluun biyya jabduu sirna jabaa qabdu ijaaruu galma kan godhate hoggansi jijjiiramaa, gaaffii uummataa kudhaammatee, giddu seentummaa tokko malee naannooleen ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee gaaffii uummanni barootaaf gaafachaa turan, garuummoo deebii dhaban deebisuun naannoleen haaraan bu'uura heera mootummaan akka hundeeffaman ta’ee jira. Kunis federaaliziimii sabdaneessiifi dimokiraasii dhugaan hojii irra oolaa jiraachuu kan mirkaneessedha. Gaaffii bule hunda deebifnee biyya hunda keenyaaf taatu ijaaraa jirruuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaa ta'uu akeeka. Waan ta'eef Guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga'e kabajna. Lammileen Itoophiyaas dibaabee biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru guyyaa itti calaqqisiisanidha. Mootummaanis mirga heerri mootummaa isaan gonfachiise osoo hin sharafamin Saboonni, Sablammoonnifi Ummattoonni akka itti fayyadamaniif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira. Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 17ffaaf bara kana mata duree "Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf" jedhuun kabajamus imala jijjiiramaa jalqabneef bu’ura cimaa kan kaa’udha. Guyyaan saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa kabajamuus obbolummaafi tokkummaa jiru daran cimsuu bira darbee ilaalcha biyyaalessummaa ijaaruu keessatti taatee angafummaan gumaacha taasisedha. Kana malees, agarsiifni aadaa, duudhaa fi safuu dirree tokko irratti taasifamu kun wal dinqisiifachuu, jaalala ture daran itichuufi muuxxannoo wal jijjiiruu keessatti walitti hidhaminsi gaariin akka uumamu taasiseera. Kanaanis eenyummaa dhugaan Itoophiyaanotaa kun dirree tokko irratti tokkummaan miidhagee yoo mul’atu Ummata Addunyaa biratti maqaa gaarii biyya keenya ol kaasee kan mul’isuu fi tuuristoota hawwachuun utubaa dinagdees ta’ee jira.

Ibsa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa kenname

Tajaajila si'ataa, qulqulluufi haqa qabeessa argachuun mirga lammiileeti.

Biyya tokko keessatti Mootummaan eeyyantaa uummataan aangoo qabate guddina siyaas-diinagdeefi badhaadhina hawaasummaa mirkaneessuufi tajaajila si'ataa, haqa qabeessaafi qulqulluu ta'e kennuun dirqama malee dhimma akka kennaatti ilaalamu miti. Hawaasni ammoo ulaagaa tajaajila argachuuf isa dandeessisu guuttachuun manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran irraa tajaajila barbaadu argachuun mirga isaati. Kanaaf, manneen hojii mootummaa abbaa dhimmaa ulaagaa isarraa barbaachisu guuttatee dhufeef seera, labsiifi qajeelfama manni hojichaa qabu bu'uureffachuun tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama akka qaban beekamaadha. Waggoottan arfan darbaniin asitti jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixa baasuufi Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hojiiwwan babal'aan hojjetamaa jiru. Keessumaa, dirree siyaasaa bal'isuu, carraa gaarii biyyi keenya qabdu adda baasuun dinagdee cimaa ijaaruu, qonna ammayyeessuun oomishaaf oomishtummaa guddisuu, biyya lammii hunda walqixa keessummeessitu uumuu, nageenya waaraa mirkaneessuufi hojiiwwan hariiroo uummattoota biyyattii jabeessan hedduun hojjetamaniiru. Haata'u malee, hojiiwwan gama hundaan hojjetaman kenna tajaajilaa si'ataa, qulqulluu, haqa qabeessaafi hanna irraa bilisa ta'een yoo hin deeggaramiin bu'aa qabeessa ta'uu hin danda'u. Rakkoon kenna tajaajilaa qormaatilee imala jijjiiramaa biyyi keenya eegaltee jirtutti gufuu guddaa ta'aa jiran keessa tokko dha.

Read more

Naannoo Oromiyaa keessattis kenni tajaajilaa rakkoo guddaa akka qabu mootummaan qorannoo bal'aa taasisuun adda baasee jira. Akka bu'aan qorannichaa agarsiisutti manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran keessatti kenni tajaajilaa iftoomina, haqummaafi qulqullummaa kan hin qabne, abbaa dhimmaa kan deddeebisu, tajaajila argachuun mirga abbaa dhimmaa ta'uu kan hin hubanne, hannaan kan guutameefi teknoloojiin kan hin deeggaramne ta'uun isaa adda ba'ee jira. Rakkoon kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa hunda biratti kan mul'atu ta'us manneen hojii kallattiin abbaan dhimmaa itti baay'atu biratti akka hammaatu beekamee jira. Dallaalaan tajaajila manneen hojii mootummaa keessa harka naqachuun ammoo rakkinicha daran hammeessuun hawaasa rakkoo caaluuf saaxileera.

Dhimmi kun hariiroo mootummaafi uummataa irratti dhiibbaa kan fidu; imala Badhaadhinaa kan danquufi uummata kan mufachiisu waan ta'eef manneen hojii mootummaa naannichaa sadarkaan jiran hundi kenna tajaajilaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu akka qaban mootummaan kallattii kaa'ee jira. Haala kana jijjiiruuf hooggansaafi ogeessa itti gaafatamummaa itti kenname dagachuun abbaa dhimmaa deddeebisu, tajaajila fedhii dhuunfaan jijjiiruufi haqa dabsuun hawaasa boossisu irratti sirna itti gaafatamummaa barsiisaa ta'e hojiirra oolchuun murteessaadha. Kanaafis mootummaan kutannoo guddaan ni hojjeta. Rakkoon kenna tajaajilaa keessa jiru kutannoo mootummaa qofaan furamuu waan hin dandeenyeef akkasumas sirni itti gaafatamummaa hojiira oolfamu bu'aa qabeessa akka ta'uuf abbootii dhimmaa dabalatee tumsa qaama hundaa barbaada. Kanaaf, hawaasni keenya yeroo tajaajilaaf gara manneen hojii mootummaa deemu ulaagaalee tajaajilaaf isa barbaachisan guuttachuufi mirga isaa kabachiisuun cinatti qaamota haqa uummataa dabsan saaxiluun ga'ee isarraa eegamu ba'uu qaba. Gama biraan rakkoo kana maqsuun tajaajilli manneen hojii mootummaa keessatti kennamu iftoomina akka qabaatuufi itti quufinsa uummataa kan mirkaneesse akka ta'uuf miidiyaaleen biyya keenyaa miira itti gaafatamummaa qabuun ijaaf gurra uummataa taatanii dirqama ogummaa keessanii akka baatan waamicha dhiyeessina.

Ibsa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa kenname

Qisaasama oomishaa hambisuun oomishtummaa keenya haa guddifnu! Biyyi keenya dachee gabbataafi haala qilleensaa bonaafi ganna oomishuuf mijataa ta’e kan qabdu dachee magariituudha. Haata’u malee qabeenya uumaan biyya keenya badhaase kanatti fayyadamuun wabii nyaataa mirkaneessuu hin dandeenye. Kun qaanii guddaa ta’uu kan hubate Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala kana jijjiiruun birmadummaa abbootiin keenya dhiigaan tiksanii nutti dabarsan guutuu taasisuuf miira xiiqiin hojjechuu irratti argama. Waggoottan arfan darbanii asitti dinagdee dam-daneessaafi dandamataa ta’e ijaaruun biyya waan hundaan of dandeesse uumuufis bu’uura cimaa kaa’aa jira. Keessumaa imaammata dinagdee humna oomishaafi pootenshaalota akka biyyaatti jiran adda baasuun hojiirra oolchuu dandeessisu bocuun muuxannoo jiru qindeessuun hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira.Mootummaan Naannoo Oromiyaa carraa gaarii naannicha keessa jiru adda baasuun, inisheetiivota uummata keenya hirmaachisaaniifi fayyadamaa taasisan maddisiisuufi aadaa hojii uummataa jijjiiruun keessumattuu damee qonnaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun uummata Oromoo dinagdeen cimsuuf hojjetaa jira. Inisheetiivonni qonnaa haaraan hojiirra oolaa jiran oomishaafi oomishtummaafi fayyadamummaa qonnaan bulaa naannoo keenyaa kan dhugoomsan, oomisha alaa galu bakka kan bu'an, al-ergii biyya keenyaa kan guddisan akkasumas wabii midhaan nyaataa kan mirkaneessanidha.

Read more
Tarkaanfii qonna ammayyeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fudhachaa jiruun qonna rooba Gannaa qofa irratti rarra’ee ture hambisuun waggaatti yeroo lamaaf sadi oomishuun, qonnaan bultootaaf teknoloojiifi galteewwan qonnaa dhiyeessuun akkasumas qonnaan bultoonni lafa ciccitaa irratti oomishuurra qindaa’anii akka qotan taasisuun oomishaaf oomishtummaa akka dabalu taasisee jira. Bara darbe oomisha biyya keessaan fedhii biyya keessaa guutuun kan danda’ame yoo ta’u, qamadii biyya alaa galu guutummaatti hambisuun danda’amee jira. Qonnaan bultoonni keenya tarsiimoo mootummaan diriirsuu fudhachuufi hojiitti hiikuun roobaaf aduu dandamattanii galma keenya fagoo bira ga’uuf jirru milkeessuu keessatti qooda keessan waan baataniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata isinii galchuu barbaada. Bara kana rooba Gannaa qofaan qamadiin lafa heektaara miiliyoona 1.7 irratti kan oomishame yoo ta’u qonna Bonaatiin ammoo lafa heektaara miiliyoona 1 ol qamadiin uwwisuuf hojiin eegaleera. Kanaanis fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee qamadii gabaa addunyaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira. Kanaafuu, oomisha sadarkaa sassaabbii irra gahe yeroo osoo itti hin kenniin daboofi guuzaan akkasumas maloota ammayyaa biroo fayyadamuun qisaasama tokko malee sassaabuun murteessaa waan ta'eef xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qaba.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Onkoloolessa 27, 2015




Imalli badhaadhinaa jalqabame danqaa kamiinuu duubatti hin deebi’u

Biyyi keenya imala daandii badhaadhinaa jalqabdee jirti. Galmi imala kanaas badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e akka biyyaatti mul’ata kana milkeessu qabachuun xiiqiidhaan hojiitti hiikuurratti argamu. Kanaafis Piroojektoota gurguddoo badhaadhina biyyattii dhugoomsuu keessatti gahee guddaa qaban kanneen duraan jalqabamanii raawwiinsaanii lafarra harkifate xumursiisuufi haarawaas wixinuun hojiitti galamee jira. Piroojektoota Meegaa raawwiinsaanii lafarra harkifataa turee xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa kenneefiin gara xumuraarra ga’aa jiran keessaa Hidhaan Haaromsa Itoophiyaa Guddichi akka fakkeenyaatti ka’uu kan danda’udha. Mootummaan barii jijjiiramaarraa kaasee hojiinsaa akka ariifatu taasisee guutinsi bishaanii marsaa lamaa akkaatuma qabameen raawwate. Daandiiwwan gurguddoo biyya keessaafi biyyoota alaa wal quunnamsiisan, piroojektoota barnootaa, fayyaa, bishaanii, hojii jallisii hedduun hojjetamaniiru, kaanis hojjetamaa jiru.
Read more
Gama damee dinagdee qonnaatiin qamadiin dur biyya alaarraa bitamu biyya keessatti haala idileefi jallisiin oomishuun sharafni alaa biyyattiin kanaaf baaftu akka hafuuf hojiin bal’aan hojjetameera, hojjetamaas jira. Milkaa’inni guddaanis argamaa jira. Bara itti aanutti filannoowwan jiran hundatti fayyadamuun hojii qonnaa Bonaa jallisiin, Arfaasaa, Birraafi Ganna roobaan qotuun biyyi keenya qamadii biyyoota alaaf dhiheessuun sharafa alaa akka argattuuf hojjetamaas jira. Naannolee inishetiiviin kun keessatti milkaa’aa jiru keessaa Naannoon Oromiyaa isa tokko. Ooggansi jijjiiramaa gara aangootti erga dhufee as adeemsotaafi hojimaatota badoo duraan turanirratti rifoormii itti fufinsa qabu geggeessuun dandeettiin raawwachiisummaa mootummaa akka cimu gochuuun piroojektoonni dinagdeefi hawaasummaa raawwiinsaanii lafarra harkifachuun madda komii ummataafi rakkoo bulchiisa gaarii ta’anii turan xumuramanii tajaajila ummataaf akka oolan taasifamaniiru. Gama biraatiinis piroojektoota haarawaa wixinuun yeroo gabaabaa keessatti tajaajila ummataaf akka oolu gochuun muuxannoon gaariin argamaa jira. Kanaafis kallattii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin yeroo kaa’ameef keessatti hojiinsaanii kan xumurame piroojektoonni paarkiiwwan adda addaa akka fakkeenyaatti kan fudhatamanidha. Naannoo Oromiyaa keessattis hojiin raawwii piroojektootaa sadarkaa olaanaan fooyya’aa dhufee jira. Kanaafis piroojektoonni kuma 20 ol ta’an godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti eebbifamanii tajaajilaaf banaa taasifamaa jiran agarsiiftuu guddaadha. Kun daran cimee itti fufuu qaba. Imala badhaadhinaa jalqabame milkeessuudhaafis murteessaadha. Mootummaan sadarkaa hundattuu ummata fayyadamaa taasisuuf xiyyeeffannoo guddaan wayita hojjetaa jiru kanatti shoorarkeessitoonniifi finxaaleyyiin diinota biyyattii alaa waliin ta’uun nagaa biyyattii booressuufi mootummaafi ummanni gara misoomaatti akka hin fuulleffanne taasisuuf wixxifataa jiru. Gochaa diinummaa isaanii danda’ame raawwataa jiru. Haata’u malee, tattaaffii qaamotiin nageenyaafi ummanni qindoominaan taasisaa turaniifi taasisaa jiraniin hawwiinsaanii fashalaa’aa jira. Danqaa farreen ummataa kanaan misoomni keenya hin gufanne, akka gufatuufis qaawwii banamu jiraachuu hin qabu. Galmi keenya badhaadhina, imalli badhaadhinaas itti fufa.