Header

Pirojektoota eegalle xumurree eebbisiifna

Pirojektoota eegalle xumurree eebbisiifna, haaraas ni eegalchiifna! Bu'uuraalee misoomaa diriirsuun mul'ata biyyi keenya badhaadhinaaf qabatte dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Magaalaa Adaamaatti pirojektoonni gosa adda addaa 84 qarshii bil 1.5 oliin hojjetamaa turan jila Pirezedaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaan durfamuun eebbifamaa jiru. Waadaa mootummaan ummataaf gale qabatamaan agarsiisuuf bara kana naannoo Oromiyaatti pirojektoonni kuma 20 ol baasii qarshii bil 42 oliin hojjetamaa turan goleewwan Oromiyaa hunda keessatti eebbifamaa jiru. Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Pirojektootni kanneen akka daandii Asfaaltii , daandii giraaviilii, manneen qusii, toora ibsaa, manneen barnootaa bu'ura boruu, daandii koobilii, galmoota wal ga'ii, paarkiiwwan, siidaa goototaa, magariisummaafi kanneen biroo fedhiifi faayiidaa jiraattotaa akkasumas mul’ata badhaadhina maatii dhugoomsuu giddugaleessa godhatanii hojjetamaa turanii xumuraman sirna ho'aa ta'een eebbifamaa jiru. Kan eegalle xumurree eebbisiifna, haaraas ni eegalchiifna!.

Waadaa ummataaf galame qabatamaan agarsiisuuf hojiin eegalame danqaa kamiinuu hin gufatu

Waadaa ummataaf galame qabatamaan agarsiisuuf hojiin eegalame danqaa kamiinuu hin gufatu Mootummaan filannoo gaggeeffameen beekamtii ummataa argatee mootummaa hundeessuun karoora misoomaa yeroo dheeraa, giddu galeessaafi gabaabaa qopheessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu eegaleera. Paartileen siyaasaa dirree dimokiraasii banametti garagaaramuun sagantaa qaban ummataaf dhiyeessuun filannoo keessatti hirmaatanis, kaan ammoo yaada qaban ummataaf dhiyeessuun dorgommii filannoof dhiyaachuurra karaa qaxxaamuraa aangoo qabachuuf socho'uun ni mul'ata. Qaamileen kunneen yeroo tokko mootummaa ce'umsaa yeroo biraa ammoo diinota keessaafi alaa waliin ta'uun nageenya booressuuf hojjetanis hin milkaa'uuf. Mootummaan jijjiiramaa hacuuccaafi rakkoolee biyyi kun keessa ture sirreessuuf dirree dimokiraasii bal'isuurraa kaasee tarkaanfileen baay'een fudhatameera.

Mootummaanis filannoo bara 2013 taasifame injifachuun waggoota shaniif beekamtii ummataa argatee qorumsa garaa garaa keessatti hojiilee pirojektoota misoomaa garaa garaa hojjechuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira. Kana keessaa tokko Hidha Haaromsa Gudicha Itoophiyaati. Kunis rakkoo guddaa hojiin pirojektichaa keessa ture hatattamaan sirreessuun bishaan quutuun humna ibsaa maddisuun egalameera. Bara kanas dhiibbaafi waca diinota keenyaaf osoo gurra hin ergisin yeroo jedhame keessatti guutinsi bishaanii kan raawwatu ta'a. Kanaaf, qaamoleen keessaafi alaa ergama biraa fudhatanii al tokko mootummaa ce'umsaa jechaa, yeroo biraa nageenya ummataa booressuun shirri xaxaa oolan kan hin mikoofne ta'uu hubachuu qabu. Mootummaan waggaa shaniif beekamtii ummataa argatee hojjechaa jirus gaaffii ummaataa deebisuun fayyadamummaa haqa qabeessa mikaneessuuf hojjetaa jira..

Header