Header

Waa'ee Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa (BKO) hojii odeeffannoofi qunnamtii mootummaaf ummataa naannichaa ol’aantummaadhaan qindeessuufi hogganuun madda odeeffannoo naannichaa ta`ee tajaajiluun jijjiirma naannoofi biyyaa keessatti shoora irraa eegamu bahachuudhaaf Labsii Lakk 242/2014 qaamolee raawwachiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin irra-deebiidhaan kan gurmaa’e dha. Itti waamamni Biiroo K.O Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif yammuu ta’u, guyyaa labsiidhaan hundaa’erraa eegalee ergama itti kenname bahachuudhaaf yaalii guddaa gochaa jira. Haa ta’u malee, haala qabatamaa biyyaa, naannawaafi idil-addunyaa amma jiruun guddina hojii sab-quunnamtiifi odeeffannoo faana tarkaanfachuufi fedhii odeeffannoo ummataa yeroo-yeroon dabalaa deemu guutuurratti qaawwi guddaan mul’ateera. Gama biraatiin ammoo, dhangala’iinsi odeeffannoo gos-daneessaa jiraachuun carraa qofa osoo hin taane, qormaata damee kanaa ta’eera. Karaa tokkoon kutaaleen hawaasaa muraasni ajandaa mataasaanii dhiisanii kan qaamni biraa bocu hordofaa ooluun ni mul’ata. , karaa biraatiin immoo fedhii odeeffannoo ummataa guutuu dadhabuutu jira. Keessumattuu odeeffannoo dharaa karaa miidiyaa hawaasaafi idileetiin tamsa’uun burjaajiin uumamu madda shakkiifi balaa ta’uun yaaddessaa ta’aa dhufeera. Kanarraa ka’uun biiroon kun baroota darban keessatti gurmaa’insaafi hoji-maatota keessoo isaa sakatta’uudhaan jijjiiramoota... fooyya’iinsaa gochaa kan ture yoo ta’es, adeemsa kenniinsa tajaajilaa isaa keessatti itti quufiinsa mootummaafi ummata bal’aa sadarkaa barbaadamurraan ga’uu hin dandeenye. kunis ogummaafi teekinoolojii gahumsa qabu horachuufi hojii kominikeeshinii yeroon gaafatu hojjechuudhaan rakkoo kana irra aanuuf gargaara jedhamee amanama.

Header