Mummee Ministiraa Abiy Ahmed (PhD) Fi Anga’oonni Mootummaa Olaanoon Piroojektoota Jallisii, Albuudaa Fi Misooma Bu’uuraa Godinaalee Wallaggaatti Eebbisiisanii Daawwatan. Piroojektoonni Kun Dinagdee Naannichaa Cimsuufi Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessuuf Murteessoodha. Obbo Shimelis Abdisa, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Guyyaa har'aa Looreeta Nagaa Addunyaa Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD), angaa’ota olaanoo mootummaafi abbootii qabeenyaa waliin ta'uun qe'ee carraawwan hedduu Godinaalee Wallaggaatti argamneerra. Godina Qeellam Wallaggaatti Piroojektii Misooma Bu'uraa Jallisii Qeexoo, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Arjootti Waarshaa Dhagaa Cilee Arjoo eebbifnee jirra. Godina Wallagga Lixaatti Piroojektii Warqee Tulluu Kaappii kan eegalchiifne yoota’u, Pirojektii Hidha Jallisii Arjoo Dhidheessaa Godinaalee Jimmaa, Bunnoo Baddalleefi Wallagga Bahaa gidduutti ijaaramaa jiru daawwanneerra. Akkasumas inisheetivoota godinaalee kunniinitti fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jiran ilaallera. Hoggansi Jijjiiramaa Mummee Ministiraa keenyan duurfamu, gaaffii ‘ummanni keenya osoo lafaaf albuuda, bishaaniif humna qabuu maaf rakkoo keessaa bahuun dhabe?’ jedhuuf deebii qabachuun asbahe. Kanaanis, sababni ijoo maraamartoo keenyaa cabiinsa caasawaa, keessumaa caasawaa ilaalchaafi hojmaataa ta'uu hubachuun tarkaanfii fudhate. Tarkaanfiin furmaata kun, haala omishaa qofa osoo hintaane misooma namaa kan xiinxale; adeemsa rog-tokkee osoo hintaane rog-danuu kan hordofuudha. Bu’uuruma kanaan sadarkaa maatii, hawaasaafi mootummaatti bishaan bulchuun xiyyeeffannoo olaanaan raawwatamaa jira. Eegumsi biyyee, hojiilee misooma sululaafi sagantaa Inisheetivii Ashaaraa Magariisatiin rawwatamaa jira. Qabeenyi albuudaa keenya seerafi hojmaata dandeessisoo, darbees ittigaafatamummaa olaanaan akka hogganamu taasifamaa jira. Hundaa’ol, humna namaa keenya gama hubannoo, beekumsa, ogummaafi aadaa hojiitiin ceesisuu irratti hojiilee babaldhaan raawwatamaa jiru. Piroojektoonni Jallisii Qeexoofi Hidha Jallisii Arjoo Dhiidhessaa hojiilee babaldhaa mootummaan gama bishaan bulchuutiin raawwataa jiru keessaa isaan muraasa. Keessumaa Hidhi Jallisii Arjoo Dhiidhessaa yeroo xumuramu bishaan meetirik kuubii bil. 2.53 kan qabatuufi lafa hekt. kuma 80 kan misoomsudha. Yeroo ammaas raawwiin isaa %89.7 irra gaheera. Piroojektoonni kunniin, dilbii qonnaa naannawa kunniinii hintuqamne banuu qofa osoo hintaane hawaasa keenyaf carraa omisha baldhisuufi marsaa omishaa baay’isuun sochii dinagdee furguga keessa kan galchuudha. Hawaasa keenya naannawichaa misooma inisheetivootaa, qusannaafi horata qabeenyaatti kan ceesisu yoota’u, hundaa’ol ce’uumsa jiruuf jireenya isaa dhugoomuuf kan dandeessisuudha. Piroojektoonni albuudaa kunniin, kallattii Mootummaan Jijjiiramaa dinagdee damdaneessa dhugoomsuuf albuuda akka damee dinagdee haaraatti (emerging) filatee socho’aa jiru lafa qabachaa dhufuu kan agarsiisanidha. Gama kaaniin, walta'iinsi mootummaafi dhuunfaa misooma Piroojektii Tulluu Kaappii irratti muldhate fooyya’iinsa hojmaata irratti finneef agarsiiftuu qabatamaadha. Piroojektoonni kunniin galii sharafa alaa guddisuufi baasii sharafaa al-galchiif oolaa ture hambisuun tasgabbii dinagdee gooroo keenyaaf gumaacha olaanaa kan qabanidha. Walumaagalatti, naannoon keenya, keessattuu Godinaaleen Lixa Oromiyaa, misooma qonnaafi albuudatiin humna olaanaa kan qabanidha. Hoggansi naannoo keenyaas, yaadamootafi inisheetivoota Mummee Ministiraa keenyan bocaman kunniin irratti ummata daangadhaa hanga daangaatti sochoosuun deebisee fayyadamummaa ummatichaa mirkaneessuuf halkaniif guyyaa kan hojjetu ta’uu mirkaneessuun barbaada. Dhumarrattis, simannaa ho’aa ummanni keenya Godinaalee Wallaggaa hundi nuuf taasiseef maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ulfaadhaa galatoomaa jechuun barbaada.
Odeeffannoo kana kan dabarse: Shimelis Abdisa, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.


