Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Odeeffannoo Naannichaa Olaantummaan Bulchuu, Maqaa Gaarii Naannichaa Roga Gaariin Ijaaruu, Wal- Amantaan Gaariin Mootummaafi Uummata Gidduu Akka Jiraatuu Taasiisuu Akkasumas Miidiyaaleefi Quunnamtiin Uummataa Odeeffannoo Naannichaa Waalteessuun Injifannoo Balbaloomsuu, Seenessa Waloo Ijaaruu, Odeeffannoo Sobaa Qolachuu, Duudhaa Ganamaa Gabbisuu Ergama Waloo Taasifachuun Miidiyaalee Naannoofi Fedeeraalaa Qindeessuun Fooramii Miidiyaalee Hundeessee Hojii Bu'aa Qabeessa Hojjechaa Jira.
Haaluma kanaan Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa guyyaa har'aa kanas hojiiwwan Fooramii miidiyaaleefi qunnamtii uummata ji'oottan sagalii kan bara kana bakka hooggantoonni Miidiyaaleefi quunnamtii uummataa argamanitti geggeessaa jira.
Saganticha irratti argamuun haasawaa kan taasisan hoogganaan Biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Addunyaan jaarraa 21ffaa bulchiinsa odeeffannoo ammayyaa'aa, ragaa haqa qabeessaan ijaarameefi dhaqqabamummaan isaa amansiisaa tae kan barbaadu ta'uu ibsuun, bakka bulchiinsi odeeffannoo ammayyaawaan hin diriirfamnetti odeeffannoo amanamaafi dhaqqabamaa ta'e argachuun qormaata guddaa ta'uu himaniiru.
Qormaata tajaajila odeeffannoo bara teeknoloojii mudachuu danda'u qolachuuf dhaabbileen jiddugala bulchiinsa odeeffannoo ijaaruun madda odeeffannoo amanamaa ta'uu irratti argamuu himuun, imalli dijitaala Itoophiyaas guddina damee dijitaalaan addunyaan keessa jirtu keessatti dorgomaa ta'uuf kan dandeessisu yoo tau, galma kana dhugoomsuuf dhaabbileen tajaajila isaanii dijitaalessuu irratti argamuu kaasaniiru.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas akka dhaabbataatti ergama kana dhugoomsuuf odeeffannoo naannichaa akka hoogganuuf itti kenname roga hundaan dijitaalessuun odeeffannoo qulqullina qabuufi waalta'aa ta'e tajaajilamaaf dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, guyyaa haraas odeeffannoo naannichaa jiddugala tokkotti hoogganuuf kan gargaaru weebsaayitiifi jiddugalli bulchiinsa odeeffannoo naannichaa ifatti hojii kan jalqabu ta'uu Obbo Hayiluun dubbataniiru.
Malli hooggansa odeeffannoo naannichaa dijitaalawaa ta'e kun sirna tamsaasa odeeffannoo barteen ture gara ammayyaatti kan ceesisu yoo ta'u tajaajilamaafis odeeffannoon qulqullina qabu ariitii barbaadamuun akka dhaqqabu kan taasisu akka ta'e himuun, sirna hooggansa odeeffannoo dijitaalawaa kanaan odeeffannoo caasaalee Kominikeeshinii sadarkaan jiru irraa walitti qabuu bira kan darbe hariiroo miidiyaalee, dhaabbilee Mootummaafi uummata waliin jirus sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta'uu ibsaniiru.
Tajaajila hunda dijitaalessuun fedhii odeeffannoo uummanni keenya qabu guutuufi maqaa gaarii naannichaa itti fufiinsaan ijaaruufis hojiiwwan eegalan hundi cimee kan itti fufu ta'uu kaasuun, injifannoo akka naannichatti galmaa'aa jiru dhaqqabamaa taasisuun qooda fudhannaa uummanni gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan qabu guddisuun imala badhaadhinaa irraa fayyadamaa taasisuufis tarkaanfiiwwan haaraa bocuun hojii kominikeeshiniifi miidiyaatiin milkaa'inni argamaa jiraachuus Obbo Hayiluun eeraniiru.
Kanaanis hariiroo miidiyaa, dhaabbilee mootummaafi uummataa cimsuun ergama riqicha mootummaafi uummataa ta'uuf kenname gochaan dhugoomsaa jiraachuu kaasuun, hojii dijitaalessuu sirna bulchiinsa odeeffannoo Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa jalqabe akka milkaa'uuf qooda fudhattoota tumsa taasisan hundaa galateeffataniiru.

