Inisheetivii Bunaa: Guddina Al-ergii Bunaa Bu’uuraan Jijjiiraa Jira
Bunni ‘warqee magariisaa’ Oromiyaafi
Itoophiyaa keessatti qabeenya diinagdee murteessaa ta’ee, jireenya qonnaan
bulaa, galii biyya keessaafi sharafa alaa argamsiisuurratti gahee olaanaa qaba.
Haa ta’u malee, bara jijjiiramaa dura misoomni Bunaa rakkoolee hedduu keessa
ture. Dhiyeessiin galteewwan qonnaa, tajaajilli ekisteenshiniifi deeggarsi
ogummaa gahaa hin turre; kunuunsi Bunaa, oomishtummaan, qulqullinnifi sirni
gabaa isaa sadarkaa barbaadamu irra hin geenye. Kana irraa kan ka’e qonnaan
bultoonni lafa Bunaarraa bu’aa gahaa argachuu dhabuun, yeroo tokko tokko lafa Bunaa
gara oomishaalee birootti jijjiiruuf dirqamaa turan.
Rakkoolee kana hundeerraa furuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2012 magaalaa
Naqamteetti Inisheetivii Misooma Bunaa labsee hojiitti galche. Inisheetiviin
kunis oomishaafi oomishtummaa Bunaa dabaluun, qulqullina fooyyeessuu, qonnaan
bulaa fayyadamaa taasisuufi gumaacha bunni diinagdee biyyaafi naannoo keessatti
qabu guddisuuf kan xiyyeeffatedha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sanyii Bunaa filatamaafi oomishtummaa olaanaa qabu
qonnaan bultootaaf dhiyeessuu, biqiltuu haaraa dhaabuu, buna dulloome
buqqisanii bakka buusuu, gamashuu, akkasumas dhiyeessii galteewwaniifi
tajaajila ekisteenshinii fooyyessuurratti hojii bal’aa hojjechaa tureera.
Bu’aan hojii kanaas lakkoofsaafi uwwisa oomisha Bunaa keessatti mul’ateera.
Bara 2012 dura uwwisni misooma Bunaa Oromiyaa hektaara miliyoona 2.3 kan ture
yoo ta’u, bara 2017tti gara hektaara miliyoona 3.4tti guddateera. Kunis
waggoota shanan keessatti dabaluun hektaara miliyoona 1.1, jechuunis G.8
ta’a. Haaluma walfakkaatuun, oomishni Bunaa bara
2012tti kuntaala miliyoona 6.48 irraa bara 2017tti kuntaala miliyoona 16.9tti
ol guddateera. Lakkoofsi biqiltuu Bunaa duraan miliyoona 908 tures gara biliyoona
2.4tti guddisuun danda’ameera. Sanyiiwwan filatamoo qorannoon mirkanaa’an
raabsuun, buna dulloome bakka buusuufi gamashuun haaromsuu keessattiis hojii
bal’aan hojjetameera.
Bifuma wal fakkatuun, Misooma Bunaa
dinagdee biyyaa karaa hiika qabuun utubaa jiru daran cimsuuf hojii hojjetamaa
jiruun oomisha buna gogaa Kuntaala miliyoona 16.9 oomishuun danda’amee jira.
Haaluma kanaan biqilaa Bunaa dhaabbii gannaaf oolu biliyoona 2.8 qopheessuun
dhaabamaa jiraachuu sanadni gabaasa raawwii karoora hojiiwwan qama raawwachiiftuu
bara baajataa 2018 fi kallatti gurguddoo karoora bara baajata 2019 walga’ii
idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii caffee 6ffaa Caffee Oromiyaatiif dhiyaate
ture ni agarsiisa
Jijjiiramaa as qonnaan bulaa,
daldalaafi al-ergitoota walitti hidhuun, qonnaan bultoonni oomisha isaanii gara
gabaa giddugaleessaafi idil-addunyaatti dhiyeessuu akka danda’an carraan
bal’aan uumameera. Keessumaa qonnaan bultoonni hayyama al-ergii argachuun
oomisha isaanii kallattiin gara gabaa biyya alaatti erguu akka danda’an haala
mijataa uumamuun, qonnaan bulaan buna oomishuu qofa osoo hin taane gatii fi
gabaa oomisha isaa irratti gahee qabaataa akka deemu taasifameera.
Godambaa/Muuziyeemii Bunaa Oromiyaa hundeessuu, biraandiingii buna Oromiyaa
cimsuufi bakka argama Bunaa sirnaan beeksisuun hojiiwwan ijoodha. Keessumaa Godina
Jimmaa, Aanaa Gommaa, iddoo Coocee jedhamuun beekamu beeksisuun abbummaafi
eenyummaa Bunaa Oromiyaa addunyaaf mul’isuuf gahee olaanaa qaba.
Bunni qulqullina isaa eeggatee akka funaanamu, akka goguufi gabaa ga’u gochuuf
hojii bal’aan hojjetamaa jira. Daldala seeraan alaafi rakkoolee sirna gabaa Bunaa
to’achuufis qaamolee mootummaa adda addaa hirmaachisuun hojiiwwan
hojjetamaniiru. Kunis qonnaan bulaan gatii madaalawaa akka argatuufi biyyi
keenya bunarraa galiifi sharafa alaa olaanaa akka argattuuf haala mijataa
uumeera.
Kanaanis biyyi keenya, oomisha Bunaa
dabaluu qofa osoo hin taane, qulqullina, walitti hidhamiinsa gabaafi al-ergii
fooyyessuun galii oomishtoota Bunaafi biyyaa guddisuuf hojiiwwan bal’aan
hojjetamaa jira. Bara 2012tti Itoophiyaan al-ergii Bunaarraa doolaara Ameerikaa
biliyoona tokko argatte turte. Bara 2017tti galiin kun gara doolaara biliyoona
2.6tti guddateera. Bara baajataa 2018 kana immoo xiyyeeffannoo kennamee
hojjetamaa tureen Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif al-ergii Bunaa irraa galii
doolaara Ameerikaa biliyoona 3 ol argachuun seenaa haaraa galmeessiteetti.
Milkaa’inni kun imaammataafi
tarsiimoo sirrii, dhamaatii oomishtoota Bunaa, deeggarsa mootummaa fi hoggansa
damee Bunaaf taasifameen kan dhufe dha. Kanaaf, Inisheetiviin Misooma Bunaa
jijjiirama damee qonnaa keessatti taasifamaa jiru keessaa fakkeenya guddaa
ta’ee, Bunaa qabeenya qonnaan bulaa irraa gara madda galii, sharafa alaa fi
beeksisa maqaa Oromiyaafi Itoophiyaa addunyaatti jijjiiruuf gumaacha olaanaa
taasisaa jira.
Bara baajataa 2018 keessas biqiltuu Bunaa sanyii filatamaa biliyoona 2.8 qopheessuun
hojii dhaabbii biqiltuuf xiyyeeffanoon kennamee hojjetamaa jira. Bara 2019tti Oomishaafi Oomistummaa Bunaa
guddisuuf biqiltuu Bunaa biliyoona 3.58 qopheessuun dhaabbiif qopheessuu, lafa
oomisha Bunaa kennu heektaara miiliyoona 1.88 irraa oomisha Bunaa Kuntaala
miliyoona 21.83 sassabuun Buna sadarkaa isaa eeggate gabaa biyya keessaafi
alaatiif qulqullinaan dhiyeessuuf karoorfamuu sanadni gabaasa raawwii karoora
hojiiwwan qama raawwachiiftuu bara baajataa 2018 fi kallatti gurguddoo karoora
bara baajata 2019 walga’ii idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii caffee 6ffaa Caffee
Oromiyaatiif dhiyaate ture ni agarsiisa.
Inisheetiviin misooma Bunaa bara 2012 magaalaa Naqamteetti labsame, waggoota
darban keessatti oomisha, oomishtummaa, qulqullinaafi gabaa Bunaarratti
jijjiirama mul’ateef bu’uura ta’eera. Jijjiiramni kun godinaalee Oromiyaa haala
qilleensaa bunaf mijataa qaban keessatti ball’inaan mull’ateera.
Fuuldurattis oomisha qofa osoo hin
taane, qulqullina, oomishtummaa, gatii dabalataa, qophii Bunaaf taasifamuufi
gabaa addunyaa irratti xiyyeeffannoo cimsuun bu’aa damee Bunaa caalaatti
guddisuun ni danda’ama.
Madda: Barruulee Kallachaafi Miidiyaa Hawaasummaa MMI.


