Magaalota Oromiyaa-giddugala Misoomaa, Hawata Turiizimiifi Tekinooloojii Taasisuuf Hojiilee Hojjetamaa Jiran
Waggoottan jijjiiramaa saddeettan darban
keessattuu waggoottan muraasaa asitti mootummaan jijjiiramaa jijjiirama
hundagaleessa fiduuf carraaqqii adda addaa itti fufinsaan taasisaa jira. Magaalota
naannichaa keessatti iniisheetiivota adda addaa bocee hojiirra oolchuu dabalatee
tarsiimoowwan misoomaa hedduu baasee hojiitti hiikuun bu’aaleen qabatamoon
argamaniiru, argamaas jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha
keessatti badhaadhina hundagaleessa galmeessuuf hojiilee hojjetaa jiru keessaa hojiin
tarsiimoo magaalomsuun walqabatee raawwatamaa jiru isa tokko. Tarsiimoo kanas
hojiitti hiikuuf tarkaanfilee Mootummaan Naannichaa fudhateefi fudhataa jiru,
bu’aalee tarkaanfii kanaan galmaa’aa jiranis maal akka fakkaatan
ilaalchisee
barreeffama kanaan dhiyaatteetti.
Keessumatti ammoo misooma kooriidariifi misooma
qarqara laggeenii magaalota gurguddoo naannichaa keessatti geggeeffamaniifi
geggeeffamaa jiranirratti gaaffiifi deebii Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaafi
Manneeniifi akkasumas ragaalee barreeffamaa Biiricharraa argame akkaataa armaan
gadiitti qindeeffamee dhiyaateera.
Magaalonni naannichaa jiraattotasaaniif
mijatoo, filatamoofi dorgomoo akka ta’an mul’ata fagoo qabachuun gara hojiitti
kan galaniifi amma bakka gahuu qaban gahuu baatanis jijjiiramni hedduun
mul’ataa dhufeera. Keessattuu tarsiimoo magaalomsuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa
boce kan akka lafa magaalomsuu, nama magaalomsuufi mootummaa magaalomsuu yaadamoota
jedhaniin hojii hojjetamaa tureen magaalonni keenya seenaa kaleessa keessa
turan keessaa bahanii imala jijjiiramaa sirrii ta’een kallattii galma
barbaadame geessuu danda’u qabatanii imalaa jiru. Sochii hanga ammaatti
taasifameenis bu’aaleen hedduun galmaa’aniiru.
Magaalota naannichaa keessatti iniisheetiivonni
ummataaf carraa hojii uumuu danda’an, ummanni magaalaa bitee nyaachuu qofa osoo
hin taane oomishee nyaachuu akka danda’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru. Mootummaan
qonna magaalaa jajjabeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu, qaala’insa jireenyaa
hir’’isuu akkasumas oomishaalee galii argamsiisuu danda’an (giddugala oomishaafi
gurgurtaa akkasumas dinagdee ta’uu akka danda’an) taasisuuf hojiin hojjetamaa
tureefi bu’aan argamaa jiru sirnaan ilaaluun ni danda’ama.
Ilaalamniifi yaadamni mootummaa badhaadhinaa
qonni baadiyyaa qofa akka hin taane kan magaalaas akka lafa qabatu taasisuun jireenya
hawaasa magaalaa jijjiiruu keessatti gumaacha mataasaa akka qabaatuuf adeemsi
deemameefi bu’aan argames akka salphaatti kan ilaalamu miti. Qonna magaalaan walqabatee hojiin misooma
aannanii, furdisa loonii, misooma lukkuu, booyyee, qurxummii, investimantii
godoo waggoottan sadan arfan darban keessa hojjetamaa turaniifi bu’aan argame
olaanaadha. Kanaanis carraa hojii lammiilee miliyoonotaan lakkaa’amaniif uumuun
danda’ameera.
Galmoota misooma magaalaa qabatamanii
hojjetamaa jiran keessaa: 1ffaa wabii nyaataa mirkaneessuu, 2ffaa
qaala’insa jireenyaa hir’isuu, 3ffaa galii argamsiisuufi qonna tekinooloojiin
utubuufi jiruufi jireenyi ummataa akka jijjiiramu gochuun isaan ijoodha. Galmoota
kana milkeessuuf hojiilee hojjetamaniin aadaa hojii fooyyessuun magaalaa
keessatti lafa xiqqoorratti oomisha guddaa argachuun akka danda’amu itti fayyadama
lafaa karaa oomisha dabaluun danda’amuun sadarkaa sanatti fiduun danda’ameera. Keessattuu
mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo addaa qonna magaalaatiif kenneen qonni
magaalaa madda biizinasii akka ta’u hubannoo olaanaan kan irratti fudhatameefi
jijjiiramni yaadaas kan irraa argamedha.
Agarsiistuun kanaa immoo hojiiwwan
magaalota gurguddoo naannichaa garaa garaa keessatti hojjetamanidha. Kanaafis magaalota
akka Adaamaa, Shaggar, Bishooftuu, Jimma, Roobee, Shaashamannee, Maayaafi
kanneen biroo akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Walumaagalatti hojiiwwan
iniisheetiivii magaalaarratti hojjetamaa turaniin bifiyyee magaalotaa qofa osoo
hin taane aadaan hojiifi akkaataan jireenyaa jiraattota magaalaas jijjiiramuu
eegaleera. Magaalota keessatti ilaalama taa’anii eeggachuu keessaa bahanii hojjetanii,
ifaajanii rakkoo keessaa bahuu danda’uu mul’achuurratti argama.
Gama biraatiin hojiiwwan hojjetamaa turan
keessaa hojiin misooma kooriidarii magaalonni ilaalama haaraa akka qabaatan
taasiseera. Miidhagina guddaas isaan gonfachiisaa jira. Kana malees, magaalota
keessatti iddoowwan aaragalfiifi bakkeewwan hawata turiizimii babal’achaa jiru.
Hojiin misooma kooriidarii nama giddugaleessa
kan godhatedha. Gama biraan magaalonni giddugala turizimii, daldalaa akka ta’an,
agarsiistuu aadaafi duudhaa akkasumas seenaa taasisuuf tarkaanfii fudhatameen
bu’aan lakkaa’amuu danda’u argamsiiiseera.
Walumaagalatti
kaayyoofi galmi misooma magaalaa, magaalonni naannoo Oromiyaa jireenyaaf mijatoo,
"Smart City" akka ta'aniifi duudhaa Oromoo akka calaqqisiisan uumuurratti
xiyyeeffatee hojii hojjetamaa jiruun gara giddugala dinagdeefi tekinooloojiitti
ce’uun babal'achaa jiru. Kanaan dura magaalummaan adeemsa jijjiiramaa cimaa
keessa darbus baay’eensaa lafa qofarratti kan xiyyeeffate; nama kan dagateefi
fedhii ummataa hunda kan hin hammanne ture.
Yeroo ammaa garuu rakkoolee hundeeffamasaaniirraa
ka’uun mudachaa ture keessaa bahuuf tarsiimoo magaalomsuu addaa baasuun
hojjetamaa jira. Fakkeenyummaa badhaadhinaa ta’uufis galmoota magaalaa gurguddoo
afur qabachuun magaalotarratti hojjetamaa jira. Fuula magaalota naannichaas
jijjiiruuf hojii misooma kooriidarii xiyyeeffannoo addaan hojjetamuurratti
argama.
Iniisheetiivii misooma kooridarii hojiirra
oolaa jiruun ijaarsi bu’uuraalee misoomaa kan akka daandii miilaa, utubaa ibsaa
teeknooloojii garaa garaa hamate(smart pole) manneen jireenyaafi iddoowwan
bashannanaa babal’isuun hojii raawwatamaa jiru cinaatti magaalonni iddoo
gurgurtaa qofa osoo hin taane giddugala oomishaas akka ta’an hojiin bal’aan
hojjetamuurratti argama. Misoomni kooriidaraa hojjetamu pilaanii magaalaa hojiirra
oolchuu cinaatti fuula magaalaa midhagsuufi sochiin tiraafiikaa fayyaalessi
akka jiraatu taasisuuf kaayeffatee hojjetamaa jira.
Magaalomsuun Magaalota Naannoo Oromiyaa fakkeenyaafi
giddugala badhaadhinaa taasisuuf misooma kooridaraa bara 2017 irraa eegalamee
hojjetamaa jiruun bu’aan gaariin galmaa’aa jira. Magaalonni misooma kooriidaraa
marsaa jalqabaa xumuruun tajaajilaaf banaa taasisan kanneen akka Magaalaa
Jimmaa, Roobee, Bishooftuu, Adaamaa, Naqamteefi kkf akka fakkeenyatti ilaaluun
ni danda’ama. Magaalonni gurguddoon hanga mana qopheessaa guddattuutti argamanis
humna qabaniin pilaanii kabachiisuun muuxannoo kana fudhatanii misoomsuurratti
argamu.
Hojii gama kanaan hojjetamaa jiruunis hanga jalqaba
kurmaana 3ffaa bara 2018titti daandiin asfaaltii kiiloomeetirri 115, kan miilaa
kiiloomeetirri 90, saayikilii kiiloomeetirri 817 walumatti daandiin kiilomeetirri
1,022 ijaaramee rakkoo dhiphina daandii geejjibaafi imaltoota lafoo magaalota
keessatti mul’atu hiikuu dandeessiseera.
Gama hojii misooma magariisuutiinis lafa hektaara 953,
misooma qarqara laggeenii kiiloomeetira 65, miidiyaanii hektaara 53, iddoo aara
galfannaa 38, addabaabayii 30, fincaa’aa (fountain) 72, iddoo taphaa ijoollee
40fi iddoo bashannanaa 20 misoomsuun danda’ameera.
Hojiileen misoomaa kun itti fufinsaan hojjetamaa kan
jiran yommuu ta’u, raawwii bara kanaa kan ji’oota salgan darbanii yoo ilaalle
mana fincanii ummataa 56, iddoo dhaabbii konkolaataa(car parking) 90, iddoo
ispoortii akkasumas sarara ibsaa, bishaanii, teelee, balfa dhangala’aafi bo’oo
lolaa karaa qindaa’een magaalota garaagaraa keessatti ijaarsisaanii geggeeffameera.
Dabalatanis tajaajila tekinooloojiin walqabatee kan
akka iskiriinota televijiinii ammayyaa, kaameraa nageenyaafi kan kana fakkaatan
qaama misooma kooriidaraa taasifamee hojjetamaniiru.
Hojiileen misoomaa hojjetaman kunneenis xumuramuun tajaajila
hawaasaaf banaa taasifamaniiru, kanneen biroos ijaarsarratti argamu. Hojiileen
gama kanaan hojjetamaa jiraniinis magaalota naannichaa miidhaguun magaalaa ammayyeessuu,
geejjibaafi tajaajila uummataa fooyyeessuu, daldalaa fi invastimantii dadamaqsuu,
carraa hojii uumuu, akkasumas nageenya tiraafiikaa, qulqullinaafi bareedina
magaalaa uumamaa jiru cinaatti imala badhaadhinaaf bu’uura buusaa jira.
Egaa magaalaawwan kan lafarratti ijaaraman qofa osoo
hin taane kan namaaf ijaaraman ta’uunsaanii qabatamaan kan mul’ataa jirudha. Sochii misooma magaalaa keessattuu misooma kooriidariifi
qarqara laggeenii miidhaginaafi hawattummaa qofa osoo hin taane kan galiin
magaalaa akka guddatu taasisedha. Gama
biraan walitti hidhaminsi magaalaafi baadiyyaa (hariiroon magaalaafi baadiyyaa)
fayyaalessi akka ta’u kan akeekedha. Giddugalli ummata keenyaa magaalaafi
baadiyyaa magaalaa akka ta’e qabatamaan kan dhugoomsedha.
Sagantaa mootummaa magaalaarratti qabu ummanni
ilaalamaan, hojiin ammayyummaafi kanneen biroon magaalaa waliin guddachuu akka
qabu kaayyeffatamee hojjetamaa jira. Kana keessatti magaalonni pilaaniin akka
guddatan, akka misooman xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Akka kaleessaa osoo hin
taane waggoottan jijjiiramaa darban keessatti magaalonni tarsiimoo guddinaa
akka qabaataniifi tarsiimichaan akka hogganaman taasisuuf hoggansi magaalaafi
kutaaleen hawaasaa hundi kana hubatee hojii jalqabame kana caalaatti itti
fufsiisuuf hojjechuu gaafata.
Ilaalamni misooma kooriidarii ummata biratti dadamaqiinsa
uumuun hedduu jijjiireera. Yeroo ammaa jiraattonni magaalota Oromiyaa hundi
magaallisaanii akka misooman, akka guddatu hawwii qaban hedduu dabalaa jira. Mootummaanis
misooma kana magaalota hunda keessatti akka babal’atuuf xiyyeeffannoofi
ejjennoon hojjetaa jira. Ummanni kana
hubatee misooma magaalaa hojjetamaa jiru keessatti si’oominaan akka hirmaatu
yoo ta’e badhaadhinni gama kanaan yaadame yeroo dhiyootti galma akka gahu
shakkiin hin jiraatu.
Barruulee Kallacha: Waggaa 11ffaa lakk. 3rraa fudhatamee


